Godoo Cubbamtichaa

Oromo Praise 54 plays 5 downloads 1.0 (1)

Description

Faarfannaa "Godoo Cubbamtichaa" Gamtaa Faarfattootaatin

Lyrics

Godoo Cubbamtichaa

Godoo Cubbamtichaa Gooftaa dhaabatteetta
Ilmi koo eessa jettee ana barbaaddetta
Si'i waanan qabuuf hafe gadadoon koo
Kan ati naaf goote baayyeedha Gooftaakoo /2/

Sitoo na taasise Gooftaa nama guutuu
Kanuma qofaadha lapheen koo kan feetu
Ba'aan bara dheeraa hafe gadadoon koo
Faayaa koo isa bade situ arge Gooftaakoo

Yeroo na argite baalli na haguugdee
Gonka akka nan daganne fuula keerraan arge
Kana irra kan caalu argita kan jettu
Ijji kee ni dubbata tasa nan dagattu

Maalan qaba jetteet man kiyya rukutta
Ani dadhabaadha ati quqlulluu Gooftaa
Imimmaan koo bu'ee hin jiisu afata koo
Dhiifama keen seeni baniiti golgaa koo

Anisoo bareera hundaa yoo jaalattu
Boolla leencaa cuftee labsii du'aa diigdu
Akkana jedheeti keessi koo yeedaleessa
Nyaataaf dhugaatiin koo Iyyesuus maqaansaa
           ==•|•==

Comments & Ratings

Log in to leave a comment and rating.

User Comments (1)

Aquila
(1/5)
Sagalee jireenyaa isin haa dhageessisu🙏 Eebbifamaa🥰
10/4/2025